Slide 1
Aadaa Oromoo

Gareen Qorannoo Aadaa Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo jalatti gurmaa’ee hojjetaa jirus aadaa uffannaa, sirna gaa’elaa, sirna Gadaafi kkf irratti qorannoo hedduu gaggeessaa jira..

Slide 2
Inistituyuuti Qorannoo Fi Qo'annoo Oromiyaa
Slide 3
Inistituyuuti Qorannoo Fi Qo'annoo Oromiyaa
previous arrow
next arrow

Qorannoo Afaanii

1. Qorannoo Fooklooriifi Ogbarruu
2. Qorannoo Galmee Jechootaa
3. Qorannoo Moggaasaafi Waaltina Afaan Oromoo
4. Qorannoo Caasluga Afaan Oromooti.

Qorannoo Seenaa Oromoo

Qaroominni, muuxannoon, beekumsi ykn ogummaan har’aa bu’aa isa darbeeti. Wanti ta’ee darbe har’a hin jiru;

Qorannoo Artii Oromoo

Aartiin bashannansiisaa barsiisuu,ergaa gurguddoo dabarsuufi dhaloota qaruu keessatti gumaacha guddaa qaba.

Mul'ata fi ergama

Mul’ata , Ergamaa fi Duadhaa

Ergama

Afaan, Seenaa, Aadaafi Artii Oromoo bifa saayinsawaa ta`een, akkasumas karaa qorqalbii Oromoo olkaasuufi Oromoo madaaluun qorachuun bu’aan qorannoo Oromoo guddina hawaas dinagdeefi ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaa akka bahatu taasisuu.

Mul'ata

Bara 2022tti seenessa Oromoo madaalu lafa kaa’uun ummata afaan, seenaa, aadaafi artii isaatti boonee sammuu bilisa ta’een sirna dimokraasiifi ijaarsa biyya kanaafi gaanfa Afrikaa keessatti dhiibbaa uumuu danda’u arguudha.

Duudhaalee

Aantummaa Ummataa
Kabaja Aadaa
Gahumsa Ogummaa
Hirmaachisummaa
Gareen Hojjechuu
Naamusa Ogummaa

Waa'ee ummata Oromoo

Oromoon ummata afaan hortee Kuush dubbatu kan Bahaafi Kaaba-Baha Afrikaa keessatti argaman keessaa isa guddaadha. Odeeffannoon jiru akka ibsutti, ummanni Oromoo akka hawaasaatti Gaanfa Afrikaa keessa waggoota kuma baay’eedhaaf jiraachaa ture (Prouty et al., 1981). Bates (1979) Oromoon sanyiii duriifi jalqabumaa kaasee naannoo kana jiraachaa ture dha, tarii ummattoonni naannoo Baha Afrikaa kaan baayyeen kan irratti waraabamani.

Dameewwan Dhaabbatichaa

Dameewwan Inistitiyuuti Qorannoofi Qo’annoo Oromoo

Aadaa Oromoo

Gareen Qorannoo Aadaa Inistiitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromoo jalatti gurmaa’ee hojjetaa jirus aadaa uffannaa, sirna gaa’elaa, sirna Gadaafi kkf irratti qorannoo hedduu gaggeessaa jira.

Artii Oromoo

Qorannoon artii Oromoo gareewwan sadiin (Garee Qorannoo Tiyaatiraafi Ogbarruu, Garee Muuziqaafi Shubbisaa, Garee Fakkiifi Bobbocaa) gurmaa’ee hojii qorannoo gaggeessaa jira.

Afaan Oromoo

Qorannoon Afaan Oromoo gareewwan afuritti gurmaa’ee qorannoo kan gaggeessu yoo ta’u, isaanis Qorannoo Fooklooriifi Ogbarruu, Qorannoo Galmee Jechootaa, Qorannoo Moggaasaafi Waaltina Afaan Oromoo, akkasumas Qorannoo Caasluga Afaan Oromooti.

Seenaa Oromoo

Akka seenaan ibsutti, ummanni Oromoo bulchiinsaafi Sirna Gadaa fayyadamaa ture. Oromoon mootummoota ofbulchan muraasas qaba, kanas ummata Sidaamaa wajjin qooddata. Kana keessaa mootummoota naannoo Gibee ta'an Geeraa, Gommaa, Garo, Gummaa, Jimmaa fi Limmuu-Inaariyaa, fi akkasumas mootummaa Jireeni.

Nyaata Aadaa ummata Oromoo

Beeksisaa fi Oduu

Beeksisaa fi Oduuwwan Haaraa